eBooks
SIRNA
Original price was: Br300.00.Br250.00Current price is: Br250.00.
+ Free ShippingSirna jechuun hariiroo uumamni waliin qabu seeraan tartiiba’ee waan guutuu ykn waan of-danda’e tokko yoo uumamu jechuudha. Wantootni ykn yaadotni walirratti hirkatoo ta’an bakka, akkaa fi akkaataa isaanitin soroorfamanii ykn tartiiba’anii waan guutuu ykn qaam-guutuu (existence) tokko yoo uuman sirna ta’u.
Uumamni uumadhaan uumame hundi sirnaa dha. Wanti sirnaan ala jiru fi sirna malee jiraatu hin uumamne. Ilma namaa dabalatee uumamni hundi kaayyoo uumamaniif qabu waan ta’eef, akkaa fi akkaataa waliin jiraachuu danda’anitti sirnaa’an.
Uumamni addunyaa mul’atuu fi hin mul’anne irra jiru hundi Uumadhaan sirnaa’e dha. Uumaa, Sirna Uumamaa fi Uumamni hariiroo heeraatin walqabatoodha; hariiroon Uumadhaan ykn Waaqan yayyabame kun adda hin bahu.
Yayyabni sadan kunniin kopha kophaa hin jiran; walfaana jiraatu. Uumamni Sirna Uumamaa fi Uumaa malee jiraachuu hin danda’u. Sirni Uumamaatis yoo uumamni jiraate malee jiraachuun isaa hin barbaachisu. Uumaanis ykn Waaqnis uumama isaatiin dhugeeffatama waan ta’eef, yoo uumamni jiraate malee jiraachuun isaayyuu hin beekamu.
Inni tokko isa tokko keessa jira; sadeen walkeessa jiraatu.


Reviews
There are no reviews yet.